Up next


Farfannaa Afaan oromo, Gabri'eel maqaansa, Far/Dn Bulchaa

148 Views
Ethio News
6
Published on 30 Aug 2020 / In Film & Animation

Gabri'eel maqaansa
Dinni hanga isaa hin ga'u
Gargarsa Abbaan dhaamsa
Abidda boba'u
Gabrii'eel sin jenna
Nu cina dhaabadhu
Fuula waaqa duraas
Araara nuuf kadhuu

Gafa samii kaatu
Midhagicha raamaa
Diinni bakka jiruu
Mataadhaan rafama
Gufuu dura keenyaa
Dursiiti balleessi
Dandii dhugaarraat
At nu jabeessi

Waaqa tolfamaa sana
Surraa kee qanneessee
Qirqoosiif haadhaasa
Amantiin jabeessee
Fannoo harkaa keetin
Ati nu eebbistaa
Galaana jabaataas
Keessa nu ceesista

Adda uffannaan isaa
Danuu callaqqisaa
Ifni fuula isaa
Seexana kuffisaa
Lafti kabajaasaaf
Ifashee kennitee
Angoo jaabinasaa
Namootaaf labsitee

Gartu keenya ati
Diina nurraa loltaa
Kan du'aaf nu gaadu
Ofiin nurraa qolta
Samiirraa nuuf kottu
Eebbaan nu golboobi
Akka hin raafamnef
Harka keenya qabi

Show more
Facebook Comments

Up next